Ayyaanni irreechaa Malkaa Loomicaa Qaallittii Gaallabuu dilbaata dhufu Onkololleessa 17 bara 2017 haawasa godina Qellem Wallaggaa, akkasuumas godinaalee fi aanaalee oollaa godinichaa ta’an kan hirmaachisu qophiin taasifamaa jira.
Qoophiiwwan ayyaanichaaf guutamuu qaban kan daawwatan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Dambii Dolloo Dr. Lataa Tasfayee fi Itti aanaa pireezedaantii dame barnoota, qorannoo, cehumsa tekinoolojii fi tajaajila hawaasaa kan ta’an Dr. Gammachuu Fufaa , bulchaa bulchiinsa godinaa qellem wallaggaa obbo Gammachuu Gurmeessaa, itti gafatamaa paartii badhaadhinaa damee godina qellem Wallaaggaa obbo Badhaasaa Dhaabaa, akkasuumas, kantiiba bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo obbo Girmaa Dangalaa hojiiwaan milka’inaa ayyaanichaaf qophii jiru daawwataniiru.