Jilli kabajamoo Obbo Siraaji Abduljabbal, gorsaa olaanaa biiroo qonna Oromiyaa kan ta’aniin durfamu, itta aanaa hooganaa gidduugala aadaa Oromoo kan ta’an kabajamoo Obbo Solomoon Fayyee, Itti aanaa bulchaa bulchiisa G/Q/wallaagga Obbo Mangistuu Darasuu ; akkasumas, hooggantoota Yuunivarsitichaa fi godinaa dabalatee hojiilee misoomaa giddugala qorannoo qonnaa qindaa’aa fi gidduugala kalaqa yuunivesritichaa daawwaraniiru.
Hijiilee gama qonnaan hojjetamaa jiran kan akka kuduraafi fuduraa, horsiisa, loonii, lukkuu, booyyee fi qurxummii yeroo daawwatanitti Yuuniversitichi hundeeffamee yeroo gabaaba keessatti sadarkaa kanarra gahuu isaaf dinqisifachuun fuula duratti abdii biyyaa ta’u akka danda’u dubbataniiru.
Dabalataniis, gidduu gala kalaqaa daawwachuun yuunivarsitichi cehumsa teknoolojii keessatti qooda irraa eegamu bahachaa jiraachuu fi dhaloota ijaaruu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuusaa ibsanii kana caalaa cimee hojjechuun sadarkaa biyyaattis ta’e sadarkaa adduunyaattii beekamaa akka ta’uu qabu dhaamaniiru.