undefined undefined undefined undefined

    Get Appointment

    CircleCircle
    BlogOctober 25
    Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Seeraa fi Naamusa Poolisoota Mooraaf kenname
    Miseensota poolisii mooraa Yuunivarsitii Dambii Dolloof leenjiin mata duree “ naamusa poolisii, naamusa hojii,barbaachisummaa naamusaa fi seera kabachiisuu” jedhu irratti leenjiin xiyyeeffate walta’iinsa poolisii federaalaa mooraa yuniversitichaa fi waajjira nageenyaa fi tasgabbii Yuuniversitichaan kennamera.
    Waltajjii leenjichaa irratti argamuun haasaa saaqinsaa kan taassisan itti gaafatamaa waajjira pireezidaantii yuunivarsiitii Dambii Dolloo kan ta’an Obbo Dabalaa Tolaa akka jedhanitti
    hojiin poolisii hojii bal’aa akka ta’e ibsanii eegumsa qabeenyaa fi hawaasa dhaabbatichaan cinatti seeraa fi heera biyyattii kabachiisuuf dirqama akka qaban dubbatanii jiru. Yuuniversitiin keenya dhaadannoo dhaloota ga’oomsuu jedhun kallattii hundaan nama ga’oomsa dha kan jedhan Obbo Dabalaan poolisii naamusaan sansaakkaa poolisummaa qabuu fi poolisii sammuu fi yaadan ammayyaa’a ta’e qabaachuun barbaachisaadhas jedhan.
    Poolisiin qabeenya eeguu qofa utuu hin taane qabeenya biyyaati kan jedhan immoo ajajaa reejimentii kan ta’an Inspector Muktar Abdulqader, dirqama nutti kenname seeraa fi amantummaan bahachuu qabnaa jedhan. Addatti immoo poolisoonni dhaabbilee olaanoo baratoota gidduutii jaajalli akka jiraatu, akkasumas, naamusaan qaruu keessatti gahee guddaa qabuu jedhan.
    Itti dabaluunis leenjiin kun beekumsaafi ogguumaa poolisummaa waan cimsuuf eegumsa moorichaaf taasifnu irratti faayyida guddaa qaba kan jedhan immoo I/aanaa ajajaa Reejimentii kan ta’an inspector Baqqaalaa Hayiluu ti. Kanaaf, leenjiin jeebenya sammuuf, akkasums, yaadaaf bu’aa qabaa jedhan.
    Hoji gaggeessaa nageenya fi tasgabbii mooraa Yunivarsiitii Dambii Dolloo kan ta’an Obbo Abraaham Bantii akka jedhanitti,poolisoonni leenjii kana argatan, eegumsa mooraa yuunivarsiitiif taasisaniin alatti tajaajilawwan seera kabachiisuu fi nageenya hawaasa moorichaa tiksuu keessatti dammaqinaan qooda akka bahatan dhaamanii jiru.
    Xumura irrattis leenjifamtoonni leenjiicha booda yaada kennaniin leenjii kana booda dandeettii leenjii kanarraa argannetti fayyadamamnee itti gaafatamummaan nurraa eegamu sirnaan ba’achuuf, akkasumas, miseensonni fi hoggantoonni eegumsaf ramadamnu, hojii keenya idilee akka ta’e amannee fudhannee dirqama keenya seeraan raawwachuu qabna jedhan.