undefined undefined undefined undefined
Inistitiyuutiin Fayyaa fi Hospitaalli Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Dambii Dolloo Dhaabbata gargaarsaa HCP(Cure Blindness) fi Kilinika Addaa Yaalii Ijaa Makaane Yesuus Naqametee waliin ta’uun Onkoloolessa 10 – 15 /2018tti namoota moora ijaan rakkachaa jiraniif hospitaalicha keessatti bilisaan tajaajila baqaqsanii yaaluu kennuuf qophii isaa xumuree jira.
Kanaaf, namoonni dhibee moora ijaan rakkachaa jirtan kaffaltii malee bilisaan wal’aansa baqaqsanii yaalamuu kana hospitaalichatti argamuun bilisaan yaalii kana akka argattan isin hubachiifna.
Kana cinattis gatiin geejibaa, ciisichaa fi nyaataa dhaabbata HCP(Cure Blindness)n waan isiniif kaffalamuuf carraa bilisaa kanatti akka fayyadamtan Inistitiyuutii Fayyaa fi Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Dambii Dolloo kabajaan isin beeksisa.